SEENAA MOOTII GOOBANA DAACCII - WordPress

3y ago
223 Views
10 Downloads
972.88 KB
98 Pages
Last View : 1m ago
Last Download : 3m ago
Upload by : Amalia Wilborn
Transcription

SEENAA MOOTII GOOBANA DAACCIIBarreechaan: Mo’iibul Biluu Qawwee

Footoo Goobana Daaccii: Maddi Bilaaten Geetaa HiruuyW/Silaasee fi Toora Interneetii

“If our interpretation is sound, the stress on Goobanaa’s roleand autonomy in building the empire gives a dimension ofOromo-ness to the process of the founding of the EthiopianEmpire” Failed Modernization of the Ethiopian State

Chaappaa Goobana Daaccii: Maddi Seenaa GoototaOromoo fi Kaan jedhu Shallamaa Kabbee Jimaanbarreechame irraati. Barreechami Afaan Amaaraa irra jiru,“ዘራስ ጎበና ዘማሳ(ህ?)ተም” jedha.

Seenaa Mootii Goobana Daaccii@Mo’iibul MW Biluu Qawwee abbeentaan barreessichaaseera Waaqaa Lafaa kan ta’e bulchinsa Gadaan, tumaa abbaaqabeenyummaa Gadaan naaf eyyamuun kan eegamedha!Teessoon Barreessichaa:-Facebook-Mo’iibul Biluu @gmail.comIrratti yaada naa kennitanii na jajjabeessuu fi dogoggora jiruakkan sirreessu na taasisuu dandeessu kanaaf immoo durseengalatoomaa isiniin jedha.Yaadannoonsaa Harmeekoo Aadde Daamuu Caalii Amantaafnaaf haa ta’u! Itti dabalaan ammoo Oromoo Salaalee qe’eeisaarraa arii’amee qe’ee namaatti salphate maraaf naaf hata’u!

Galata Barroo kana barreechuu keechatti namooti yaadaan najajjabeessitan keessumaa Kaliifaa Damisoo AdaanaaGammachuu gorsa naa kennaa turteef hedduun sigalateeffadha. Dabalataanis namooti karaa miidiyaahawaasaa,bilbilaanis na jajjabeessitan hedduu ulfaadhaa!Addatti ammo, Galaanee Mo’iibul yeroon barroo kanabarrechu obsaan nadhageeffachuun qoodan si kunuunsuuqabu,roorroon itti guddadhetti yoo guddatte waa’eenkee waanna yaachisuuf odoo nan dhiphisin obsaan naa turuu keetiifgalata guddaa na biraa qabda!

Gulaaltonni

Hiika JechootaaAnsaar Loltoota MahadistootaaBarroo Kitaaba (A/Arabaa)Dhidhimte . OnkoloolessaFotolikaa Siyaasa (A/Arabaa)

BaafataFuulaAriirrata Axeerara .Seensa

AxeeraraBarroon Seenaa Goobana Daaccii kun, Oromoon sirnamootii jalatti kufuun duratti waggoota dhibba afurii olwaraanamuu, keessumaa mootii Saahila Sillaaseen waraanahamaa erga keechummeechaa tureen booda, mootoleenOromoo laafinsa sirna Gadaa booda mootii xixiqqo ijaaranwal waraansa jalqabuu isaanii tuttuqaa, adeemsi kunmootummaan Abbichuu harka Oromoo irraa dhawaataanmaqaa mootummaa bicuu Manz wajjin biyya waliin ijaaruufkaroorfameen kufuusaa, akkasumas Goobanni ijaarsaImpaayera Itoophiyaa keechatti hirmaannaa taasiseenmootolee Oromoo wajjin hariiroo gaarii fi qajeelaa uumeekan turee fi booda adeemsa Minilikitti waan dammaqeefsadoo ajjeechaa masaraa Minilikii qophaa’een nsabboonummaa Oromiyaa “GANTUU” jechuun ololli isaanjabana Darg dhiyeenya uuman fudhatama kan hin qabneta’uu barroon Seenaa Goobana Daaccii kun addeecha.

SeensaUummata Itoophiyaa Kibbaa fi mootii Goobana Daacciiseenaatu isaan miidhe. Seenaan Mootii Goobana Daacciigaree “Oromia group” fi “Ethiopianists” biratti ija lamaanilaalama.Kunis,gama Oromiyaatiin baroota1973 qabeemaqaalee “ Red Gobanas” “Read Gobanas” akkasumas “NeoGobanas” jedhu walitti moggaasuu fi inumaa “Goobana”jechuun maqaaOromoo jaallatamaa “Dhaha OromooTuulamaa fi Macca” keechatti moggaasamu kan “Goobana”yookaan yeroo ji’i,addeessi guutuun baatu cagginoon ergadarbee kan ijoollee dhalataniif bahu,maqaa jaallatamaa ta’uunhafee “Goobana,Goobanee,Goobantuu” jechuun hanga maqaaganiinsaatti akka ilaalamu aanuummattoota Kibba biyyattii fi Raas Goobana Daaccii lotaa,ajajootaa waraanaafi namoota bebbeekamoobiyyattii ta’an ilaalcha lamaan kanneen barra’an ta’eemul’ata.Inni jalqabaa biyya ykn gosa keechaa dhalataniin yoota’u, inni kaan ammoo gartuu sirna uummata biyyattii cafaqaatureen namoota isaaniif amanamoo ta’aniif barreessuudha.

Raas Goobanni Daaccii bu’uurechaan sirna Federaalizimii fiijaaraan biyya Itoophiyaa gootni kun seenaa keechaa qoodaakka dhabu kan ta’eefis sababoota lamman armaan oliiti.Ekeraan isaanii daadhii haa dhugdu malee, Man-barroosocho’aa Oromoo (The man walking Oromoo Library) kanturan Ida’oo Odaa Boruu toora daba seena kana akkan gadifageechee ilaaluuf daandii fi xurree jabaa naaf ta’an. KunisRaas Goobannii Daaccii akaakayyuu isaa qabee moototaXixiqqoo Manzii fi Tagulat wajjin Oromoon Abbichuu irradubbannoon fedhii biyya ijaaruu walitti qabuu waliinhorachuu isaanii ( Irra-dubannoo Mandiidaa, Irra-dubbannooLichee) “Negotiation” waliin taasisuun adeemsa Itoophiyaaijaaruu Kaaba biyyattiitti jalqaban mootii Minilik wajjinmilkeesseera.Barroo kana keechatti akkuma ibsame, Goobanni biyyabaaseen sii kenna kan jedhu Minilik wajjin walii galtee hinqabu. Haa ta’u malee, biyyattiin erga ijaaramtee booda “stateformation” irratti Goobanni Lookoowwan,Abbootii Lafaawalitti erga qabee booda, bulchiinsi Minilik isa ganuunqorichaan isadhabamsiise. Kanaafigaa“የታርክበደል”miidhaan seenaa humnaa ol guddisanii irratti ololuu fi duulaisa qofa odoo hin taane Oromoo Tuulamaa irratti banameenGoobannii fi gosti isaa miidhaa akka keechummeechan kan

ta’e.Gama tokkoon gareeleen Jabana Dargii hunda’ankanneen ICAT, MEISON fi ABO dabalatee duula seenaa a’an,gaafakunqorqalbiice’umsaas“AkkaGoobanaa biyya hin gurgurru” duulli jedhu ABO dhaanhedduu adeemsifame karaa biraan weerara Oromoo Tuulamaairratti aggaamame isa dhoksaa ture.Gartuun kun, Goobanaajumlaan abaaruu, seenaa isaa akka qorattu illee hinfedhani.Waa’ee Goobanaa yaada qajeelaa kaasuun achuu fi ijaarsa biyya kana keechatti Oromoontaasiseyyuu gadi qabee dhiyeesse malee gahee Goobanaa qofagadi hin wwiiMinilikiin walii galuu waan didee dhabamsiifameef waa’eeganamuu isaanii fi qorichaan dhabasiifamuu isaanii kaasuuhin fedhani.Sababnisaa dhugaan kun yoo ifatti bahe mormiiOromoo irraa isaan mudatu waan tilmaammatan uufdhama’anii kanneen hanga Goobanaa hin geenye nama

isaaniif yoo barreechan Goobanaan ammaa galmee seenaairratti akka xuraa’u taasisaniiru.Kanaafuu, seenaan dhugaan fi ilaalamee kamtu sirriidha kanjedhu barreessuu fi soba bakkatti deebisuun barbaachisaasababa ta’eef, waa’ee Goobana Daaccii ragaaleen hafaniihar’a gahan namooti hubannoo qaban,waraqaawwan qorannoogaragaraa dubbisaa fi inumaa maqaa “Fincaan Goobanaa”jedhu ijoollummaa keechummeechaa waanin guddadheefGoobanni eenyu? dhuguma Oromoo harma irraa muree?dhuguma gantuudhaa? jedhee of gaafachaa waanin tureefijoollummaa irraa hangan barroo kana barreechuun isaqorachaa ture.Ayyaannii fi eebbisaa anaa fi jaallattoota Itoophiyaa har’aaakkasumas ijoollee Tuulamaa ijoollee Daaccii,Bachoo fiJiillee faana haa ta’u jechaa seenaa isaa kunoo barreechuunjalqaba.Mo’iibul /Mulaatuu/ Misgaanuu Warqinaa Biluu Qawwee(Mo’iibul Biluu Qawwee) Waxabajji 2019/2011

Boqonnaa TokkoUummati Oromoo Sirna Mootii Jalatti Kufuu Fi MiidhaaSabboonummaa Oromoo Irratti qaqqabsiisuu“የኦሮሞ ህዝብ የነፃ ሃገር ዘጋ በመሆንለአያለ ምዕተ ዓመታትበአንድ ማዕከል በተዋቀረ የገዳ ሥርዓት መሪነት ሲስተዳደር የኖረሕዝብ ነዉ፡፡ Uummati Oromoo biyya lammii biyya bilisaata’ee,sirna Gadaa giddu galeecha tokko jalatti ijaaramejalatti walitti qabamee waggoota kumaatama kan jiraatedha”Gadaa Meelbaa 1985(ALH)Bulchiinsi Gadaa haaromaa fi daddaaqamaa uummati OromooGaanfa Afirkaa keechatti kan ittiin jiraatee har’a gahe sirnaittiin bulmaata Oromoo isa guddaadha.Haa ta’u malee sirniwarraaksa Addunyaa keenyaa fi argannoowwan saayinsii fiteknoloojii ammayyaa dabalataanis dhiibbaa WarraaksaFaransaay irraa qabee adduunyaan keenya keecha jiraannutuni keechummeechite jijjiiramaa fi kaan irratti keessumaaAfirkaa irratti dhiibbaa danuu aggaame.Sosochii qabsoo karaa nagaa Faransaayitti jalqabe kanasMarii Gadaa,Mo’iibul Biluu Qawwe,Waxabajji 2016 akkagaditti addeecha “Qabsoo karaa nagaa Faransaay(1789 1799)tti“Abbaan irree namni dhuunfaa tokko uummata akkabarbaadetti kan ittiin bitu humni fotolikaa isaa kan

isa wajjin dhalate utuu hin taane,uummanni innigarboomfate kan isaaf arjoomedha “Yaada kana bara 1500tti Hayyuu falaasamaa fidargaggeessa ganna 18tii kan ta’e Etienne DelaBoitie akka barreesse ta’uu Joon Shaarp barrooqabsoo karaa nagaa jalqabaa isaa keessattibarreesseera.Egaa Joon Shaarp barroo isaa keessatti yaadafalaasama Boitie/Booyitey bal’inaan kan ibse yeroota’u, Falaasichis biqiltuun hundeen isaa biyyeekeessa yoo hin suuqamne/hin dhaabamne,bishaanisyoo itti hin naqamne/hin obaasamne gogee akkumabadu abbootiin irrees uummati utuu isaan hindeeggarree, hin arjoomneefi akkasuma.Isaanisakkuma biqiltuu kunuunsa dhabeetti akka coolliganiibadaniif,”violence” jeequmsan itti aaruu,aarrabsuuutuu hi taane humnaafi gargaarsa akkasumasarjooma taasifamuuf irraa kutuun ajjeesuun/ofirraabuqqisuun/ni danda’ama jechaa ture.” jedhaUummati Oromoos uummata addunyaa keenya tana keechaaqarooma guddaa qabaachaa ture waan ta’eef,kallattiinis tahealkallattiin qunnamtiin inni biyyoota olla fi saboota olla isaawajjin jiraatu dhiibbaa isarratti hin fidin hin hafne.Ragaaleenseenaa akka agarsiisanitti abbootiin duulaa sabichaa fi ittigaafatamtoonni caffee gosaa dirqama Oromoon isaanittikennate cinatti dhiisuun,qunnamtii daldalaa albuudotaa,bunaa fi gogaa bineensotaa taasisaa yeroo adeeman sirnaGadaa diiguun sirna Sooressaa ijaaruun haala guddinahawaas dinagdee Oromoo gara wal morkii dhuunfaattideebisuu jalqaban.

Itti gaafatamtoonni kunis durumaan Oromoon jila MaddaWalaabuu addaan kutuun haala fageenyaa irraa waan taheefgama tokkoon hanga uummati Oromoo bal’achaa figuddachaa adeeme Gadaan bulchiinsa isaa akkaataa teessumalafaan faana wiirtuu tokko jalatti yookaanis akkaataa walhubannaa qabuun diriirsuu dhabuun rakkoo guddaa tahuuisaati.Kunis,Gadaan bakkayyuutti margaa akka adeemeen walitti adeemsii fi wal iyyaafannaan Oromoo addaan akka fagaatutaasiseera.Addaan fageenyi kunis haala jijjiirama addunyaakeenya mudate wajjin sirni mootii Oromoo keechatti akkamul’atuu fi kufaatii sabichaa keechummeechisuuf sababata’eera.Sababoota gurguddoo laafina sirna Gadaa barroo sirnaSiyaasa Oromoo Tuulamaa ,maxxansa duraa Eebla 2007/1999akka armaan gadiitti kaa’ee jira. “ Teessoo Gadaa walii gala dhabuu Jaarraa 16ffaa eegalee Abbootiin Gadaa fi bakka bu’ootigosoota Oromoo hedduun waa’ee biyya isaanii fibulchiinsa isaanii mar’achuuf bakkuma /iddoodhuma/jiratti teessoo Gadaa hundeeffatan. Biyyi Oromoon irra qubatee jiru bal’aa waan ta’eef, achiika’anii gara Madda Walaabuutti jilaaf godaansagochuun qabeenyaa fi maatii ofii diinaaf saaxiluu waanta’eef qabiyyeedhuma ofii irratti Odaa ofitti caffee/ manamare ofii/ dhaabbatan. Fulaan yookiin daandiin gara Madda Walaabuu namageessu nyaaphaa fi saamtotaan waan guutamaniifAbbootii Gadaa jilaaf gara Qaalluu socho’an waanrakkachaa turniif Abbootiin Gadaa fi hayyootni gosaan

bulchuun aangoo isaanii gosarratti waan cimsuu qofaqabaniif,olaantummaan isaanii qofti akka beekamugochuuf filatan. Gara wiirtuu siyaasa walii galaatti deemuu dhiisaniiQaalluu Wadda Walabuu jirtu muuduuf qofa akka gosaanqofa bakka bu’ummaan itti godaanaa turan nidubbatama.”Waraansa Oromoo Kaaba Baha Tuulamaa:- Oromoon ssumaa,KaabaImpaayeraItoophiyaakeenyatti Abisiniyaanoti duula lafa babal’ifannaa fibu’uurecha eenyummaa Amaaraatiifi Tigireetiif jecha Ertiraahar’aa qabee hanga Oromoon Tuulamaa waggoota dhibba afurisaan lolee ittisu kana Oromoo abbaa qabiyyee lafaaeenyummaa isaa irraa dhiibaa fi lafarraa buqqaasaaturan.Oromoonni Goojjam dhuma bardhibbee kudha 18ffaajala waraanni Addooyyoo Doorii hanga danda’u kan isaanfalmatee fi dhawatumaan Oromoon dhiibamaa fi dhabamaaakka ture ragaaleen seenaa ni aalchisuu amantaa dawoo godhachuuni kan raawwata turehaa ta’u malee,Oromoon Tuulamaa hanga cabutti goota diinamalkaa boorechee itti dhufe ofirraa qolataa turedha.BulchiinsiGadaa laaffatuun Oromoon Abbichuu fi Galaan walwaraanuun human walii isaanii dadhabsiisuun weerara SaahilaSillaasee akaakayyuu minilikiif haala aanjawaa igaaffilee

hordoftoonni isanii dhiyeessaniif yoo deebisan OromoonAbbichuu fi Galaan kan wal waraane duraan ta’uu fi humanisaanii laaffatee butute Saahila Sillaaseen itti duulee arreechaniiru. "During the reign of Sahle Selassie (1813–47),Shoa incorporated large territories to the east, west, andsouth, and its ruler styled himself “King of Shoa and theGalla.” The Christian rulers of Shoa, seeking to minimizeresistance, abandoned a policy of punitive excursion,substituting it with one of inducements designed to persuadelocal chiefs to accept Christianity. Christian converts wereabundantly rewarded with gifts and recognition of their localstatus. On the other hand, where Islam had deep roots, localMuslim chiefs were allowed to retain their position as long asthey acknowledged the overall supremacy of the Christianrulers of Shoa." The History of Ethiopia,Saheed A.Adejumobi, Greenwood Pres, First published in 2007Barroo armaan olii kanarraa wanti hubatamu inni guddaanSaahila Sillaaseen Mootii Shawaa fi Gaallaa [Oromoo] jechuuisaati.Gama kanaan S/Sillaaseen yeroo Oromoo Abbichuunhanga Malkaa Caaccaatti wal waraanaa ture kanatti maaliifmootii Shawaa fi Oromoo ofiin jechuu akka danda'e qorannaabiraa barbaada.

anotaa argachuuf yoo tahu 2) ammoo OromoonAbbichuu yeroo lafasaarraa buqqaasamaa fi arii'amaa adeemukanneen hafanii Xabalaan Amaaromaniifis ani mootii isaaniitijechuun booda abbaa biyyummaa lafa har'a Sameen Shawaajedhamu kana irratti akka hin dhiyeechineef tahuu mala.Hanga har'as dhalattooti naannawaa kanaa hidda Oromoo fidhiiga Oromoo kan qaban yoo tahu,ofirraa akka fagaataniifammoo duula amna dheertuu isaanirratti geggeessamaaturerraa tahuu mala.Kana ammoo lafti bal'aan gosaa fimoggaasa Oromoon yaamamuun darbeens barreessaan isaaniiAaximeen illee odoo hin hambsin lafti Tuulamaa saamamuuyoo eeru,Aatsimeen mataan isaa hiddi isaa yoo gaafattumaqaa kiristinnaa haadhaaf abbaa isaarra kan darbe,hordofaaamantaa Kaatolikii fi eessuma isaa biratti guddachuu maleeragaan biraa hin jiru.Manzoonni,Teguleetonni ernyummaa Oromoo Tuulamaahacuucaa waggoota 500 lakkoofsisaa jiran kunniin,AbuunaPheexiroos(Magarsaa Badhaasaa) B/J Taaddasaa Birruufaaillee eenyummaa isaanii dhoksuuf yaalaa turan.Bazzuu Abbaa Dikkir shuggixiin Minilik ajjeesuuf yaaliigochaa jira(Takla Tsadiq Makuriyaa) jechuun Minilik shiraan

yeroo ajjeesuu,Raas Goobanni qoma dhiibee yoo isa amsifameen booda Oromoonni hirmaannaa sirnichaa jalajiran maqaa isaanii jijjiirrachaa kaan ammoo maqaan isaaniiakka hin ibsamne tahaa ture.Akka fakkeenyaattis, F/rGabayyoo, Da/ch Ganamee, jechuu malee maqaan abbaaisaanii maqaa Oromoo waan taheef galmee seenaa irraalleehanqifamaa tureera.Dhugaan jiru, garuu gama tokkon Raas Goobanni Daaciimaqaa isaa odoo hin jijjiirratin sirnicha keechatti bulchiinsaafi hooggansa gahaa kennee Itoophiyaa akkasumas uummataOromoo Gadaa jiksee bitinnaa'e sirna Mootii jalatti walittiqabuu danda'eera.Akka ilaalcha gareelee adeemsa Goobanaa jabana sanaamormaniitti Goobanni dogoggora hojjechuun isaa hinhafne.Haa ta'u malee akka nama abjuu keecha wareeree bakkahunda ga'ee akka waan Goobanni hundumaa qaqqalee fiqawween mataa mataa haadha ishee keecha gadi waqareefakkeechanii haasayuuun ammoo daba biraati.Oromoon sirna Gadaan bulaa bulchiinsaa fi qubannaan isaashanga har'a "Oromiyaa" jennuun kanaa ol bal'aa ture.TanaKeechatti, jabana teknoloojiin hin jirree fi sirna muudaa fi

jilaa Madda Walaabuu addaan kutuun, mootolee xixiqqoondhalachuu fi Abbootiin Duulaa Maccaa sirna Mootii yoojalqaban Tuulamni caffee gosaan bulu keechaa filatee aabbanaa fi waranamuu Oromoo Abbichuu, gidduuttidhiibamuu Oromoo Walloo fi Raayyaa fide. Sochiin sabaOromoo bar dhibbee 18ffaa kan bulchiinsi Gadaa isaayookaan ammoo Oromoon sirna Gadaa laaffisuun ittilaafe(dogoggore) malee kan nama dhuunfaati jechuun inumaulfaata.Kanas tahe kan dura kaafne, uummati faffaca'e walittiqabamuun ammoo dirqama waan ta'eef karaa Mootii moototaOromoo kana Raas Goobanaanis tahe nama biraan Oromoonjaallates jibbes goota isa keechaa dhalateen walitti qabamuun,adeemsa Oromoo gidduuti mootummaa giddu galaa yknWiirtuu Gadaa tokko jalatti bulchuu yoo tahe sichisuummatichi jaallates jibbes kana jechuun jaalalanis tahujibbaan sichuu walitti qabuun dirqama tahee mul'ata.“በ19ኛዉ ክፍለ ዘመን ሩብ አካባቢ በደቡብ ምዕራብናበምዕራብ ኦሮሚያ ከዘጠኝ የበለጠ ራሳቸዉን የቻሉ ዘዉዳዊግዛቶች ቀስ በቀስ ተፈጠሩ ወይም በመፈጠር ላይ ነበሩ ፡፡ ከነዚዉስጥ እጅግ የዳበረዉና የተሞላ መረጃ የነበረዉ አምስቱየጊቤ ግዛቶች ናቸዉ፡፡ Jalqaba bardhibbee 19ffaa keecha,kibba

lixa Oromiyaa fi Oromiyaa Lixatti mootoleen gonfoo sagalijaaraman yookan ijaaramarras turani.Tunniin keechaa kanjabaatee fi odeeffannoo gahaa kan qaban mootolee Gibeeshanani.” Gadaa MeelbaaItti fufuunis mootoleen Oromoo keechatti biqilan hudduunisaanii mootummaa isaanii kan dhaalu ilma isaanii hangafamalee hidda mootii kan jedhu akka hin jirre eeruunmootummoota lixatti hunda’an keechaayis mootummaanMootii Leeqaa Naqamtee kan warra Bakaree Godaanaa fiJootee Tulluu isa Qellam lafa fi uummata bal’aa kan of jalattihammatu tahuu yaadachiisa.Gama biraan wanti dagatamuu hin qabne, KaabattiOromoonni Walloo fi Yajjuu akkasumas Raayyaamootummaa hundeessuun bulaa akka turan ifa.Barroon seenaaOromoo hanga jalqaba jaarraa 20ffaa jedhu fi NagaasooGidaadaan waa’ee hidda Oromoo Daamotaa irratti kanbarreessan Oromoonni Kaabaa sirna Gadaa caalaatti sirnamootiin akka bulan beekamaadha.Egaa, Oromoonni Kaabaasta’e kanneen Oromiyaa Lixaa fi Kibba Lixaa jiran cuftimootolee xixiqqoo irra mootummaa giddu galeechaa tokkojalatti Oromoo ijaaruuf walii isaanii waraanaa turan.Ecadforum.com, irratti On August 19, 2009 hundeessitootaAdda Bilisummaa Oromoo (ABO) keechaa tokko kan ta’anobbo Abbaabiyyaa Abbaajoobir gaaffiif deebii isaaniigodhame irratti deebii yoo laatan Raas Goobana Daacii qofaodoo hin taane, mootoleen shanan Gibee mataan isaaniitokkummaa Oromoo fiduuf wal waraanaa turan jedhanii

jiru.Obbo Abbaabiyyaan itti fufunis gaaffiif deebii sanakeechatti Oromoon utubaa biyya kanaa waan ta’eef iddoo ittibiyya addaa ijaara jedhus keecha deebi’ee ilaaluu akka qabukan dhaaman yoo t’u, Mootii Mikaa’el (Raas GoobanaDaaciin) biyya gurguruuf Oromiyaa akka walitti qabanii fiololli paartileen fotolikaa uuman dhara ta’uu kan himan,ragaaleen seenaas ni ibsu.Jabana ammaa namuu miidiyaa hawaasaa qabatee akkagurmuun ijaaramee soba adii dhugaa waliif taasisu kanattiqofa odoo hin taane,jabana duriitii qabee hawaasni wal sobuudhugaas waliin dubbachuu akkasumas seenaa namootaaxureechuunifi kan tokkoo ammo taliilechuun waanumabarame.Egaa akkuma ragaalee seenaa ani fakkeenyaaf qofa tuqe kanadhalataan impaayera keenyaa kamuu seenaan ijaaramuuItophiyaa kan Abisiiniyaanoti Amaaraa fi Tigiree waggootakuma sadii jedhanii soban dhiifnee Itoophiyaan ammaakaartaan kan ijaaramte lammii Oromootiin akka tahe namakamiifuu seenaan wal caalchisuufi looguu yoo ta’e malee ifajira.Biyya har’aa kanas Mootii Mikaa’el Mootii Kafaa yookanRaas Goobana Daaccii Xinnoo Tulluuti ijaare.Boqonnaawwan itti aanan keechatti haala dhalootaa fihirmaannaa fotolikaa Oromoo fi Itoophiyaatti makamuuMootii Goobanaa darbees olola hanga jabana aalla.Dhuguma Goobanni du’a ilma isaa Mariid Goobanaairra odoo jiruu himata itti banameen zufaan chilootitti

himatamee odoo jiruu qorichaan erga ajjeefamee ni ganemooni ganame? Goobanni Oromoo gurguruuf qabsoo jalqabemooOromoo gamteechuufi kan jedhuuf Gadaa Meelbaa akkanajedha “በመካከለኛዉና በምዕራቡ ኦሮሚያ የነበሩት ጥቂትየኦሮሞ መሪዎች ቀደም ሲል በጎበና ላይ ይህን ያህልምተቃዉሞ ያልደቀኑባቸዉ ምክኒያት ጎበና አነሳሱ ኦሮሞንአስተባብረው አንድ ለማድረግ እንጂ አ

Chaappaa Goobana Daaccii: Maddi Seenaa Gootota Oromoo fi Kaan jedhu Shallamaa Kabbee Jimaan barreechame irraati. Barreechami Afaan Amaaraa irra jiru, “ዘራስ ጎበና ዘማሳ(ህ?)ተም” jedha.

Related Documents:

1.1.3 WordPress.com dan WordPress.org WordPress menyediakan dua alamat yang berbeda, yaitu WordPress.com dan WordPress.org. WordPress.com merupakan situs layanan blog yang menggunakan mesin WordPress, didirikan oleh perusahaan Automattic. Dengan mendaftar pada situs WordPress.com, pengguna tidak perlu melakukan instalasi atau

badhaasaniiru. Seenaa uummata Oromoo keessatti calqaba duraaf uumanni Oromoo akka sirna gita- bittoota habashotaa jalaa ba'ee mirga isaaf falmaatu, Waldaa wal-gargaarsa Maccaaf Tuulamaa kan hundeessan Koloneel Alamuu Qixxeessa fi obbo Qadiidaa Gonfaa gootota dacheen Jalduu biqilichitee, Oromiyaa badhaafte, keessaa kanneen terree

fi amaloota abbaa irree (kan Aristotle abbaa irree itti xiinxale), fi seenaa abbootii irree keessaafuu kan Nazi fi Stalin faa dubbisuu kiyya ture. Bulchiinsa Nazitii jala namoota jiraatanii fi miidhaman, warra kaampitti guuramani irraa hafan wajjin wal bareera. Biyya Norway tti namoota bulchiinsa Nazi didanii fi irraa hafan qunnameera.

WordPress Themes WordPress Premium Themes WordPress Free Themes WordPress Plugins ite Templates WordPress Hosting WordPress.com CreativeMarket.com . with crowdfunding b Astoundif plugin and fundif theme. Plugin will empower o

Lesson 2. Install Wordpress On Your Domain Lesson 3. How To Log In And Out Of Wordpress Lesson 4. The Design Of Your Wordpress Website Lesson 5. First Steps To A Perfect Website Lesson 6. Add Your First Wordpress Page Lesson 7. Add Your First Wordpress Post Lesson 8. All About Widgets IN-DEPTH GUIDE - DRILL DOWN TO THE WONDERS OF WORDPRESS .

Guide de démarrage WordPress - par l'association WPFR 3 / 13 1.2. Et si je veux changer ? Vous êtes actuellement auto-hébergé chez WordPress.com mais vous aimeriez transférer votre blog chez un autre hébergeur pour profiter pleinement de WordPress : consultez le tutoriel ci-dessous. Tutoriel : Migrer de WordPress.com vers WordPress.org

WordPress which does not need any Coding or development language skills. Just Follow my Instruction and At the end of this . Plugins are used to extend functionality of your WordPress website. These makes WordPress limitless in term of . #Blog tutorial #blog tutorial PDF #Wordpress guide #Wordpress guide PDF #Wordpress Tutoial PDF # .

Investigating Chemistry through Inquiry 11 - 1 S PRELIMINARY ACTIVITY FOR . Beer’s Law Investigations . Guided Inquiry Version . The primary objective of this Preliminary Activity is to determine the concentration of an unknown copper (II) sulfate solution. You will use a Colorimeter (a side view is shown in Figure 1). In this device, red light from the LED light source will pass through the .